Dhaabbanni Daldalaa Qarcaanshee fi Yuunivarsiitiin Waraabee hawaasa Booranaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Dhaabbanni Daldalaa Qarcaanshee fi Yuunivarsiitiin Waraabee hawaasa Booranaa hongeen miidhameef deeggarsa taasisan.

Dhaabbanni Daldalaa Qarcaansheen deeggarsa daakuu kuntaala 800, nyaata daa’immanii kuntaala 400 fi marga beelladaa beelii kuma 3 Birrii miliyoona 16n bituun deeggarsa taasisuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun Yuunivarsiitiin Waraabee deeggarsa daakuufi bishaanii Birrii kuma dhibba 6’tti shallagamu gara godinichaatti imalchiisuun hoggansa godinichaatti kennuu Bakka Bu’aan Pireezidaantiifi Daayrektarri Daayrektoreetii Farra Malaammaltummaa Yuuniivarsiitichaa obbo Masi’uud Ilmaa ibsaniiru.

Deeggarsi taasifame yeroof ta’uufi deeggarsi yuunivarsiitichi lammiilee kanneeniif taasisu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuusaanii ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment