Yuunivarsiitiin Salaalee Barattoota kuma 1fi 197 ogummaa adda addaan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Salaalee Barattoota ogummaa adda addaan digirii jalqabaa fi digirii 2ffaan barsiisaa ture kuma 1fi 197 eebbisiiseera.

Walitti qabaa Boordii Yuunivarsiitichaa fi Komishinarri Komishinii Siiviil Sarviisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Hayilee dabalatee hoggantoonni Yuunivarsiitii Salaalee, maatiin barattootaa fi keessummoonni kabajaa sagantaa eebba barattootaa kanarratti argamuu ragaan fuula Yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Yuunivarsiitiin Salaalee barattoota sagantaa idilee fi idileen alaan digirii jalqabaa fi 2ffaan barsiisaa ture kuma 1 fi 197 guyyaa har’aa eebbisiisuu Pireezidaantiin yuuniversiitichaa Dooktar Galaanoo Goofeen ibsaniiru.

Yuunivarsiitiin Salaalee Barattoota qormaata Bahiinsa Yuunivarsiitiif dhiyeesse kuma 1 fi 384 keessaa barattoonni kumni 1 fi 84 milkaa’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment