Yuunivarsiitiin Riiftivaalii barattoota muummee garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 ol eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Yuunivarsiitiin Riiftivaalii Kaampaasiin Amboo marsaa 7ffaaf barattoota Muummeewwan barnootaa garaagaraan digirii jalqabaafi lammaffaan barsiisaa ture kuma 1 fi 52 eebbisiiseera.

Yuunivasiitichi barattoota 951 digirii jalqabaan, barattoota 101 ammoo digirii 2ffaan eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessaa 438 dubartoota ta’uun himameera.

Diiniin Yuunivarsiitii Riifti Vaalii Kaampaasii Amboo Obbo Geetaahuun Gammachuu, eebbifamtoonni har’a ,sagantaalee barnootaa idilee, fagoofi galgalaan kanneen barnoota isaanii hordofaa turan ta’u dubbataniiru.

Pirezedaantii Itti aanaa Qorannoo Tajaajila Hawaasaa fi Ce’umsa Teknooloojii yuunivarsiitichaa Dooktar Sanbatoo Bushaa eebbifamtootaan firii dadhabbii keessanii arguuf baga geessan jedhaniiru.

Biyyi hiyyummaa keessaa kan baatu lammii barate horachuun ta’uu hubachiisuun, Yuunivarsiitiin Riifti Vaalii waggoottan 22’n darbanitti kana milkeessuuf hojjechaa tureera jedhan.

Ebbifamtooni Yuunivarsitichaa beekumsa argataniin biyya isaanii haqaan akka tajaajiluu qabanis hubachiisuu ragaan Kominikeeshinii godina Shawaa Lixaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment