Yuunivarsiitiin Qorannoo Dhimma Alaa Beejiingi barattoota Afaan Amaaraa barsiisaa ture barana eebbisiisa

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Hariiroo ummataa fi ummataa Itiyoo-Chaayinaa cimsuuf qorannoo barnoota Afaanota Itiyoophyaarratti hojjechaa jiraachuu Yuunivarsiitiin Qorannoo Dhimma Alaa Beejiingi beeksise.

Miseensonni Daayrektoreetii Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Pireezidaantii Yuunivarsiitichaa San Yozhingi waliin mari’ateera.

Mariicharratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa San Yozhingi akka jedhanittii, yuunivarsiitichi barattoota digirii jalqabaa Afaan Amaaraa barsiisaa ture barana eebbisiisa.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddara Mallas Alam gama isaaniin yuunivarsiitichi Afaan Amaaraatti dabalataan afaanota Itiyoopiyaa biroos akka barsiisu gaafataniiru.

Kanneen barana eebbifamanis ambaasaaddaroota hariiroo Itiyoo-Chaayinaati jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment