Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota kuma 3 fi 560 ol eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 28, 2014(FBC)- Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota gulaantaa garagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 560 ol guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Yuunivarsiitichi barattootaa damee garaagaraan sagantaa Idilee,galgalaa,torbee fi sagantaa fagootiin barsiisaa ture kuma 3 fi 560 ol eebbiseera.

Yuunvarsitichi ergama isaa gama baruuf barsiisuun qabu akkasumas qo’annoof qorannoodhaan bu’aa olaanaa naannoofi biyyaaf buusuuf yoomiyyuu caalaa cimee hojjachaa jiraachuu Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Gaarramaw Hulluuqaa ibsaniiru.

Barattoota guyyaa har’aa eebbifaman keessaa dubartoota 7 qabxii olaanaan eebbifamaniif carraa barnoota bilisaa yuunivarsiitichaan kan kennamuuf ta’uu ibsuu isaanii ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment