Yuunivarsiitiin Mattuu Barattoota kuma 1 fi 44 eebbisise

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Mattuu barattoota muummeewwan barnoota garaa garaan barsiisaa ture kuma 1fi 44 eebbisiiseera.

Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitii Mattuu Dooktar Alamuu Disaasaan haasawa taasisaniin, yuunivarsiitichi hojii baaruuf barsiiisuun cinaatti qorannoowwan hawaasa fayyadan hedduu hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Saganticharratti Miseensa Boordii Yuunivarsiiticha fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatii Walitti Qabaan Koree Dhimmoota Nageenyaafi Hariiroo Alaa Dooktar Diimaa Nogo fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Dooktar Diimaan barattootafi Maatii barattootaaf ergaa baga gammaddanii dabarsuu ragaan Kominikeeshinii Godina Iluu Abbaa Boorirra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment