Yuunivarsiitiin Jimmaa meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 28 baasu itti dhaabbilee fayyaa garaagaraaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) – Yuunivarsiitiin Jimmaa Dhaabbata fayyaa addunyaa waliin ta’un meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 28 baasu dhaabbilee fayyaa garaagaraaf deeggarsa taasiseera.

Deeggarsi taasifame tajaajila yaala fayyaa haadholii fi daa’immaniif oolu dha.

Yuunivarsiitii Jimmaatti Daayrektari piroojektii tajaajila yaala fayyaa Dooktar Eeliyaas Alii,deeggarsi meeshaalee fayyaa kun dhaabbilee fayyaa magaalaa fi godina Jimmaa,godina Shawaa Lixaa, magaalaa Amboo fi naannoo Kibba Lixaa Ityoophiyaaf kan kenname ta’u himaniiru.

Bittaan meeshalee yaala fayyaa kanneenii deeggarsa maallaqaa Ministeera Dhimma Alaa Kaanaadaa irraa argamen kan raawwatame ta’u Dooktar Eeliyaas ibsaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa gamasaaniin yuunivarsiitichi dhaabbilee idil addunyaa waliin tumsaan hojiilee adda addaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Warqaffaraaw Yaalawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment