Yuunivarsiitiin Jimmaa barattoota ogummaa garaagaraan barsiiaa ture 476 eebbisiise

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Yuunivarsiitiin Jimmaa barattoota ogummaa garaagaraan digirii jalqabaa fi 2ffaan barsiisaa ture 476 eebbisiiseera.

Yunivarsiitichi barattoota 308 digrii jalqabaan, barattoota 168 ammoo digirri 2ffaan eebisiseera.

Akkasumas barattoota 4 Doktoreetiin, barattoota 8 kilinikaal Ispeeshaaliistiin kan eebbifaman yoo ta’u, ogumma barnoota fayyaa, teeknooloojii, seeraa fi kanneen biroon barumsa isaanii hordofaa kan turaniidha jedhame.

Pireezidantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fixaa eebbifatootaaf haasaa taasisaniin “biyyi keenya rakkoo hamaa keessa wayita jirtutti barattoonni eebifamtan biyyaa fi hawaasa keessan amanamummaan tajaajiluuf amaanaa guddaan isinitti kennamee jira” jedhan.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment