Yuunivarsiitiin Harraambee fi Biiroon Barnoota Oromiyaa wal harkaa fuudhiinsa kitaabilee barattootaa taasiisan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) –Yuunivarsiitiin Harraambee fi Biiroon Barnoota Oromiyaa kitaabilee barattootaa karkulama haaraan qophaa’e wal harkaa fuudhinsa taasiisaniiru.

Yuunivarsiitichi kitaabilee barattootaa qopheesse Biiroo Barnoota Oromiyaaf kenneera.

Kitaabileen kunneen gosoota barnootaa adda addaa kutaa 1-8 yoo ta’an, Biiroon Barnootaa Oromiyaaas kitaabilee walta’iinsa Yuunivarsiitii Harraambeen qopheesse kana manneen barnootaf dabarsee kenneera.

Yuunivarsiitiin Harraambee dhaabbilee Harraambee Biiznas giruuppi, Rooberaa printingii fi Mana Barumsaa Kamaaraa waliin ta’uun istaandardii Biiroon Barnoota Oromiyaa kaa’en kitaabilee miiliyoona 1 fi kuma 200 maxxansan keessaa kitaabilee miiliyoona 1 fi 150 Biiroo Barnoota Oromiyaaf arjoomaniiru.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment