Yuunivarsiitiin Haramayaa sanyii filatamaa fi Gaagura ammaayyaa qonnaan bultootaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Haramayaa sanyii filatamaa fi Gaagura ammaayyaa Birrii miiliyoona 12tti tilmaamamu qonnaan bultootaaf deeggarsa taasiiseera.

Oomishaa fi Oomishtummaa qonnaan bultootaa dabaluuf deeggarsa kana taasiisuu Itti Aanaan Pireezidaantii Qorannoo fi Misooma Hawaasummaa Yuunivarsiitii Haramayaa Dooktar Isaaq Yuusiif ibsaniiru.

Sanyii filatamaa Qamadii kuntaala 600 Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaaf deeggarsa taasiisuu ibsameera.

Misooma Dammaa eegalame caalmaatti cimsuuf Gaagura ammayyaa kuma 1 meeshaalee horsiisa Kanniisaaf barbaachisan biroo waliin gumaacha taasiisuu himameera.

Deeggarsi Yuunivarsiitichi har’a taasiise waliigalaan Birrii miiliyoon 12 kan baasu ta’uu eerameera.

Sanyiin filatamaan Qamadii fi Gaagurri Ammayyaa kun aanaalee godinichaa 7 keessatti qonnaan bultoota kuma 2 fi 500 fayyadamoo taasiisa jedhame.

Miniyaahil Mallastu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment