Yuunivarsiitiin Haramaayaa barattoota muummee barnoota garaagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 370 eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) _ Yuunivarsiitiin Haramaayaa barattoota muummee barnoota garaagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 370 eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessaa 49 digrii 3ffaa, 689 digrii 2ffaa, kumni 2fi 490 immoo digrii jalqabaa akkasumas 142 ogeeyyii fayyaa ta’uun ibsameera.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yuusuuf haasawa taasisaniin ,bara kana barattoota qormaata bahiinsa Yunivarsiitii fudhatan keessaa %83 kan darban ta’uu himaniiru.

Saganticharratti Pireezidaantii Yuunivarsitichaa Dooktar Jamaal Yuusuuf,Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojjii Dooktar Fooziyaa Amiini fi kanneen biroo argamaniiru.

Nageessoo Kadirtu gabaase
.
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment