Yuunivarsiitiin Haramaayaa barattoota 453 eebbisiisee

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC)- Kolleejjiin Saayiinsii Fayyaa fi Meedikaalaa Yuunivarsiitii Haramaayaa yeroo 25ffaaf barattoota ogummaa fayyaan sadarkaa digirii jalqabaa, digirii 2ffaafi digirii 3ffaa akkasuma Ispeeshalistiin barsiisaa ture 453 eebbisiiseeraa.

Diiniin Kolleejjiiichaa Dooktar Ahmad Muhaammad eebbifamtootaa fi maatii eebbifamtootaan baga gammaddan jedhanii Kolleejjichii waggoottan 25’f Ogeeyyota fayyaa damee adda addaa kuma 16 fi dhibba 500 eebbiisiisuu danda’eera jedhan.

Qorannoowwaan adda addaa kuma 2 ol gaggeessaa turuus himaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yuusuuf Yuunivarsiitiiin Haramaayaa waggoota 68 lakkoofsise keessatti dhaloota ogummaa garagaraan gahoome qaree biyyaaf gumaachuun cinatti qorannoowwan rakkoo hawaasaa fi biyyaa furan irratti xiyyeefatee hojjataa jira jedhaniiru.

Barattoota eebbifamaniif ergaa dabarsaniin yeroon ammaa yeroo biyyi barbaadduun waan ta’eef ogummaa isaaniin tajaajiluun dirqama isinii bahachuu akka qabama dhaamaniiru.

Sagantaa eebbaa kanarratti Itti gaafatamtuu Waajjira Ministeera Fayyaa Dooktar Hiruut Nigaatuu, Pireezidaantii Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii, maatiin barattootaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment