Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC) – Yuunivarsiitiin Finfinnee Yuunivarsiitiiwwan biyyoota alaa 4 waliin hojjechuuf Kootdivaayeer magaalaa Abijaatti sanada waliigaltee mallatteesseera.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasaw Waldahaannaa, Faransaayiitti Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Boordoo, Kootdivaayeeritti Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Feeliiksii fi Moorokootti Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Raavaat sanada waliigaltichaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Sagantaan kun deeggarsa Yuunivarsiitii Boordoon waltajjiiwaan qoranoo fi qo’annoo idil addunyaa kan qopheessu ta’uu ibsameera.
Piroojektichaaf Yuuroon miiliyoonni 8 ol deeggarsi kan taasiifamuuf ta’uu ka’eera.
Yuunivarsiitiin Finfinnee Yuunivarsiitiwwan biyyoota Afaan Faransaay dubbatan waliin hojjechuun isa jalqabaa ta’uu ragaan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.