Yuunivarsiitiin Finfinnee Yaa’ii qorannoo Yuunivarsiitii Afrikaarratti hirmaachaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015(FBC)- Yuunivarsiitiin Finfinnee Yaa’ii Waloo Gamtaa Qorannoo Yuunivarsiitii Afrikaa Afrikaa Kibbaa Magaalaa Keepitaawonitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.

Yaa’irrachatti Pireezidaantoonni, chaansilaroonniifi daayrektaroonni dhaabbilee qorannoo  yuunivarsiitiiwwan miseensa gamtichaa hirmaachaa jiru.

Yaa’ichi ajandaalee qorannoo dursi kennameefi raawwii karoora irratti mari’achaa jiraachuu ibsameera.

Ergamni Gamtaa Qorannoo Yuunivarsiitii Afrikaa, qorattootaafi dhaabbilee qorannoo ardichaa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa taasisuu ta’uu eerameera.

Dabalataanis qorannoowwan taasifamaniin ce’umsa hawaas-diinagdee uummata ardichaa deeggaruu ta’uu ibsameera.

Yuunivarsiitonni biyyoota 16 miseensota gamtichaa ta’an yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment