Yuunivarsiitiin Finfinnee qorattootaa fi barattootaaf beekamtii kenne

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC)-Yuunivarsiitiin Finfinnee qorattoota, barattootaa fi maxxansitoota bu’aa gaarii galmeessaniif beekamtii kenne.

Sagantaa beekamtii kennuu Yuunivarsitichaattii gaggeeffamerratti barattootaa fi barsiistotaa akkasumas maxxansitoota qorattootaa qabxii fooyya’aa galmeessisaniif beekamtii kenneera.

Pireezidaantiin Yunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasawu Waldahaannaa fi hayyoonni dameelee barnootaa garaagaraatiin hojii qorannoo gumaachan argamanniiru.

Yunivarsiitichi baatiiwwan jahan darban qofa hojiiwwan qorannoo dhiibbaa uuman kuma 2 fi 800 maxxansiisuusuun ibsameera.

Barsiisota, barattootaa fi hoggantoota hojii qorannoorratti gumaacha taasisaniif beekamtiin kennameera.

Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa baatii jaha darban damee Ikonoomiksiiksiin barreeffamoota qorannoo 14 maxxansiisuun beekamtiin kennamuufi TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment