Yuunivarsiitiin Finfinnee Biiroo Fayyaa Oromiyaaf deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 40 taasise

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Finfinnee Biiroo Fayyaa Oromiyaaf deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 40’tti tilmaamamanii taasiseera.

Deeggarsi meeshaalee yuunivarsitichii taasises, wal’aansa daa’immanii fi leenjii humna raawwachiisuu hospitaalotaa cimsuuf kan oolu ta’uun ibsameera.

Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaa wayita walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaatti, Yuunivarsiitiin Finfinnee Biiroo Fayyaa Oromiyaa waliin qorannoowwan fi deeggarsa adda addaa taasisaa jiraachuu yaadachiisan.

Deeggarsa meeshaalee Yuunivarsiitichi taasiseefis galateeffatanii, sagantaalee addaa addaan hojiilee Biiroon Fayyaa hojjechaa jiruuf deeggarsa taasisan akka cimsan gaafataniiru.

Bakka Bu’aan Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Daammanaa Haayilamaariyaam gama isaaniin Yuunivarsiitiin isaanii du’aatii daa’imman kichuu hir’isuuf deeggarsicha taasisuu ibsanii, deeggarsa ataaisaniin cimsanii kan itti fufan ta’uu eeraniiru.

Meeshaaleen deeggarsaan arjoomman kunneen hospitaalota 108’f dabarfamuu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment