Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota muummeewwan garaagaraan barsiisaa ture kuma 5 ol eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota muummeewwan garaagaraan barsiisaa ture kuma 5 fi 58 eebbisiiseera.
Yuunivarsitiin Finfinneen barattoota sagantaa idilee fi idilee alaan digrii jalqabaa fi lammaffaan barsiisaa ture kuma 5 fi 58 eebbisiiseera.
Barattoota kuma 2 fi 420 digrii jalqabaan barattoota kuma 2 fi 638 digirii 2ffaan eebbisiiseera.
Eebbifamtoota keessaa 131 Sagantaa Dooktoreetiin kan eebbifaman yoo ta’uu, 239 ammoo sagantaalee Ispeeshaaliitiin eebbifamaniiru.
Eebbifamtoota walii gala keessaa kumni 1 fi 654 dubatoota ta’uu ibsameera.
Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.
Pireezidaanti Saahilawarq eebbifamtoonni ogummaa barataniin hawaasa isaanii akka tajaajilan ergaa dhaamaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment