Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota barsiisaa ture kuma 5 fi 911 eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 5 fi 911 har’a eebbisiiseera.

Barattoota har’a Yuunivarsiitichatti eebbifaman keessaa 337 digirii 3ffaan, kuma 2 fi 837 digirii 2ffaan, kuma 2 fi 737 ammoo digirii jalqabaan kan eebbifama n ta’uun eerameera.

Sirna eebbichaarratti Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Hoji Raawwaachiistuu Olaantuu Itiyoo Teelekom Firehiiwoot Taammiruu dabalatee, keessummoonni, eebbifamtoonni, maatiin eebbifamtootaa argamaniiru.

Pirofeesar Birhaanuu Naggaan sirnicharratti haasawaa taasisaniin, yeroo gabaabaa keessattis sirna baruu fi barsiisuu qulqullina qabuu fi fooyya’aan beekumsaa fi naamusa fooyya’aan akka ba’an ta’uu dubbatan.

Dameewwan ogummaa argataniinis itti gaafatamaan hojjechuu fi gumaacha taasisuu akka qaban himaniiru.

Pireezidaantii Eeeggataan Yuunivarsiitichaa Dooktar Saamu’eel Kifileen gama isaaniin Yuunivasriitichi erga ofiin of bulchuu eegalee eebbifamtoota jalqabaa ta’uun kanneen duraaniirraa addaa waan taasisuuf baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment