Yuunivarsiitiin Dirree Dhawaa marsaa 15ffaaf barattoota kuma 1 fi 211 eebbise

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Yuunivarsitiin Dirre Dhawaa barattoota digrii 1ffaa fi 2ffaa ogummaa garagaraatiin barsiisaa ture kuma 1 fi 211 eebbisiise.

Barattoota guyyaa har’aa eebbifaman keessaa 382 dubartoota ta’uun eerameera.

Barattoonni yuunivarsiitichaa qormaata ba’iinsaa fudhatan keessaa % 56 kan darban ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Ubbaah Adam ibsaniiru.

Sirna eebbichaarratti yuunivarsiitichi Komishinara Koomishinii Marii Biyyaalessaa Ambaasaaddar Mahaammad Diriiriif Dooktireetii Kabaja kenneera.

Kadiir Shamsaddiintu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment