Yuunivarsiitiin Dirree Dawaa barattoota oogummaa garagaraan leenjise 118 eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) –Yuunivarsiitiin Dirree Dawaa barattoota oogummaa garagaraan leenjise 118 eebbisiise.

Yuunivarsiitiin Dirree Dawaa covid -19 erga uumamee booddee teeknooloojiitti fayyadamuun barattoota 56 digirii lammaaffaan kan eebbisiisee yoo ta’u, kolleejjii Yaalaa fi Fayyaatti marsaa arfaaf kan leenjise dooktaroota  yaalaa 23 eebbisiiseera.

Akkasumaas, oogummaan gamoon marsaa 5ffaaf kan leenjise barattoota 39 digirii jalqabaan eebbisiiseera.

Sirnicharratti kan argaman Af-Yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa aadde Faaxumaa Musxafaa haasaa taasisaniin eebbifamtoonni badhaadhina biyyatti mirkaneessuuf ga’ee isaanii akka ba’atan waamicha taasisaniiru.

Eeggatan preezdaantii Yuunivarsiitiin Dirree Dawaa Dooktar Ubaay Adam  gama isaaniin barattoonni oogummaa barataniin cimanii biyya isaaniif akka hojjetan dhaamaniiru jechuun Tashoomaa Hayluutu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment