Yuunivarsiitiin Dirre Dhawaa fi Raayyaan barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Dirre Dhawaa fi Raayyaan barattoota sagantaa idilee fi idilee alaan ogummaa adda addaan barsiisaa turan eebbisiisaniiru.

Yuunivarsiitiin Dirre Dhawaa barattoota kuma 1 fi 513 eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessa 426 dubartoota ta’uu eerameera.

Yuunivarsiitichi yeroo ammaa barattoota kuma 14 fi 800 ol barsiisaa jiraachuu ibsameera.

Yuunivarsiitiin Raayyaas barattoota digirii jalqabaa fi digirii 2ffaan ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 327 eebbisiiseera.

Walitti Qabaa Boordii Yuunivarsiitichaa fi Ministir Deetaa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofee dabalatee hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo sagantaa eebbicharratti argamaniiru.

Eebbifamtoonni kunneen 72 digirii 2ffaa fi 255 digirii jalqabaan kan eebbifaman ta’uu ragaan Yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Akkasumas Yuunivarsiitiin Asoosaa barattoota kuma 1 fi 538 ogummaa adda addaan barsiisaa ture eebbisiiseera.

Barattoonni kunneen sagantaa idilee fi idileen alaan barnoota isaanii hordofaa kan turan ta’uu eerameera.

Iyyoonadab Andu’aalemtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment