Yuunivarsiitiin Bulee Horaa guyyaa boru barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture 1493 ni eebbisisa

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) –Yuunivarsiitiin Bulee Horaa guyyaa boru barattoota  idileefi torbaniin sagantaa barnootaa digrii jalqabaafi lammaffaan muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 493 ni eebbisisa.

Barattoota eebbifaman keessaa barattoonni digrii jalqabaa kuma 1 fi 289 yoo ta’an, barattoonni 204 digrii 2ffaan kan eebbifaman ta’uu ibsameera.

Barattoota guyyaa boru digrii jalqabaafi lammaffaan eebbifaman kuma 1 fi 493 keessaa barattoonni 315 dubartoota ta’uu eerameera.

Yuunivarsitiichi yeroo ammaa sagantaa barnootaa garaagaraan barattoota kuma 19 fi 839 barsiisaa akka jiru Yuunivarsiitichatti daayrektarri Sabqunnamtii Idil Addunyaa Daani’eel Seefu ibsaniru.

Daagmaawwii Deeksisaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment