Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota kuma 1fi 456 eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota ogummaa gara garaan barsiisaa ture kuma 1fi 456 eebbiseera.

Yuunivarsiitichi yeroo jalqabaaf barattoota sagantaa digirii 3ffaan barsiisaa ture 5 eebbisiseera.

Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barana yeroo 11ffaaf barattoota Muummeewwan barnootaa 9’n barsiisaa ture kuma 1f 456 eebbisiisuu Pireezidaantiin yuunivarsiitichaa Dooktar Birhaanuu Lammaan eeraniiru.

Akkasumas Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa ture kuma 1 fi 67 eebbisiiseera.

Barattoonni har’a eebbifaman kanneen digirii jalqabaa, 2ffaa fi 3ffaan barnoota isaanii hordofaa turan ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment