Yuunivarsiitiin Booranaa yeroo jalqabaaf barattoota barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Booranaa yeroo jalqabaaf barattoota 135 muummeewwan garaagaraatiin barsiisaa ture har’a eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Bokkuu Xachee, Yuunivarsiitiin Booranaa hundeeffamaan haaraa ta’ullee, rakkoolee adda addaa keessatti barattoota simachuun barsiisaa turuu dubbataniiru.

Yuunivarsiitichi hojii baruuf barsiisuun maddiittii rakkoolee hawaasa horsiisee bultootaa furan gaggeessuun deeggarsa taasisaa akka jiru dubbataniiru.

Yuunivarsiitiin Booranaa yeroo jalqabaaf barattoota eebbisuutti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, eebbifamtoonni baruumsa barattaniin hawaasa isaanii tajaajiluu akka qaban Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo Dhaamuu ragaan kominikeshinii Godina Booranaarraa argame ni mul’isa.

Yuunivarsiitiin Booranaa Qaammee 3 bara 2013 hundeessuun koolleejjiiwwan afur jalatti barattoota simachuun muummeewwan 12’n barsiisuu eegaluun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment