Yuunivarsiitiin Boongaa yeroo jalqabaaf barattoota Saayinsii Bunaan barsiise eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Boongaa yeroo jalqabaaf barattoota Saayinsii Bunaan barsiisee fi dameewan barnootaa biroon digirii jalqabaa fi 2ffaan barsiisaa ture kuma 1 fi 250 eebbisiise.

Kanneen keessaa barattoonni 34 Saayinsii Bunaan yeroo jalqabaaf Digirii jalqabaan eebbisiiseera.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Pheexiroos Waldagiyoorgis akka jedhanitti, eebbifamtoonni Saayinsii Bunaa, biyyattiin qabeenya Bunaa qabdurratti hojii fooyya’aa hojjechuun sadarkaa addunyaatti dorgomtuu akka taatuuf akka tumsan dhaamaniiru.

Yuunivarsiitichi Sadarkaa Digirii 2ffaan barattoota 11 barsiisaa jiraachuu yaadachiisanii, sagantaa Digirii 3ffaa eegaluuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Koomishinarri Koomishinii Siviil Sarvisii Dooktar Makuriyaa Haayileen gama isaaniin, yuunivarsiitichi tajaajila hawaasummaan hojiilee qorannoo fi qo’annoo gaggeessuu cimsee akka itti fufuu fi hawaasa naannawaa tumsuu akka qabu akeekaniiru.

Fireewu Alamaayyoot gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment