Yuunivarsiitiin Boongaa hojiileen qonnaa gaggeessu fakkeenya kan ta’aniidha-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)-Yuunivarsiitiin Boongaa adeemsa baruu fi barsiisuun walqabatee hojiileen qonnaa gaggeessu fakkeenya kan ta’aniidha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, yuunivarsiitichi gosoota qorannoon fooyya’an fayyadamuun, xaafii, buna, muduraalee garaagaraa fi bu’aalee aannannii akka oomishu ibsaniiru.

Akkasumas horsiisa beeyladaa fi qurxummii gaggeessaas jedhan.

Dabalataan akka ibsanitti biqiltuuwwan wal’aansaaf oolanirratti qorannoo gaggeessuun yuunivarsitichaa fi hawaasa naannawichaa fayyadamtootaa taasisuu ibsaniiru.

Dhiyeessiiwwanii fi galteewwan harkaa qabu bu’aa qabeessummaan fayyadamuu hojii argisiisuu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment