Yuunivarsiitiin Barnootaa Kotabee barattoota dameewwan adda addaan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Barnootaa Kotabee barattoota dameewwan adda addaan sagantaa idilee fi idilee alaan barsiisaa ture kuma 2 fi 881 eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesaar Birihaanuu Naggaa,Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa duraanii obbo Abbaa Duulaa Gammadaa dabalatee keessummoonni waamichi taasiifamee fi maatiin eebbifamtootaa argamaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Birihaana masqal Xannaan eebbifamtoonni imala giddinaa biyyattiin eegalte caalmaatti itti fufsiisuu keessatti qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.

Barattoonni 761sadarkaa dippiloomaa ,kumni 1 fi 380 digirii jalqabaa fi 750 ammoo digirii 2ffaan kan eebbifaman ta’uu Dooktar Birihaan Masqal ibsaniiru.

Eebbifaman waliigalaa keessaa 1,482 dubartoota yoo ta’an, yuunvarsiiticha hanga ammaatti barattoota, barattoota kuma dhibba 1 ol eebbisiisuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment