Yuunivarsiitiin Bahaar Daar Komaandar Atleet Daraartuu Tulluuf Dooktareetii Kabajaa kenne

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Bahaar Daar Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu fi Abunee Eermiyaasiif Dooktareetii Kabajaa kenneera.

Yuunivarsiitichi Komaandar Atleet Daraartuu Tulluun Damee Ispoortii Ityoophiyaa fi Afrikaa guddisuu keessatti qooda olaanaa qabdu, akkasumas jaalalaa fi Tokkummaa hawaasaa cimsuu keessatti hojii hojjechaa turteef Dooktareetii kabajaa laachuu ibseera.

Dabalataan Abunee Eermiyaasii barsiifata amantaa sirnaan kan barataanii fi hawaasa barsiisuu isaaniif Dooktareetii kabajaa kennuu isaa himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment