Yuunivarsiitiin Amboo Sanbata dhufu barattoota barsiisaa ture kuma 5 ol ni eebbisiisa

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC ) – Yuunivarsiitiin Amboo muummeewwan garagaraan barattoota barsiisaa ture kuma 5 fi 73 Sanbata dhufu akka eebbisiisu beeksise.
Daayreektarri Rigiistiraaraa Yuunivarsiitichaa obbo Maandafiroo Laggasaa TOItti akka ibsanitti eebbiffamtoonni idilee fi al-idileen barnoota isaanii hordofaa kan turanidha.
Eebbifamtoota keessaa 356 digirii lammaaffaa, 6 digirii sadaffaa/PHD/, 20 hakima yaalaa/dooktareeti/nii fi kanneen hafan ammoo digirii jalqabaa ta’uu ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi barattoota 6 digirii sadaffaa /PHD/n eebbisuu yeroo jalqabaaf ta’uu erameera.
Eebbiffamtoota keessaa kumni 1 fi 640 barattoota shamarranitti jedhameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment