Yuunivarsiitii fi jiraattoonni Amboo hawaasa Booranaaf deeggarsa Birrii miliyoona 4 taasisan

Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Yuunivarsiitiin Amboo fi jiraattonni magaalichaa Godina Booranaa Aanaa Yaaballootti hawaasaa horsiisee bultoota hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4’tti tilmaamamu taasisaniiru.

Deeggarsichis midhaan nyaataa fi zayiita ta’uu Qindeessaan sagantaa deeggarsaa “Torbee Booranaa” Doktar Taaddasaa Qana’aa himaniiru.

Saganataa “Torbee Booranaa” jedhuun sosochii deeggarsaa taasifameen jiraattoonnii Magaala Amboofi Yuunivarsiitiin Amboo midhaan daakuu kuntaala 800 fi 20, zayita liitira kuma shanii fi 316, Birrii miliyoona 4 bituun gumaachuu Dooktar Taaddasaan himaniiru.

Hanga rakkoon kun dabartuttii deeggarsi Yuunivarsiitii fi hawaasni Magaala Amboo taasisan kan ittifufu ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Amboo Dooktar Baay’isaa Lataan eeraniiru.

Itti Aanaan Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoos, deeggarsa hawaasni Amboo fi Yuunivarsiitiin Amboo horsiise bultoota Booranaaf taasisaniif galateeffachuu ragaan Kominikeeshinii Godinaa Booranaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment