Yuunivarsiitii Addigiraat barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 800 ol eebbisiise

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) – Yuunivarsiitii Addigiraat barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 839 eebbisiiseera.

Barattoonni kunneen ogummaa garaagaraan digirii jalqabaa fi 2ffaan kan eebbifaman ta’uu eerameera.

Pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geechoow Raddaa fi hoggantoota mootummaa Federaalaa dabalatee hoggantoonni Yuunivarsiitichaa fi maatiin barattootaa saganticharratti argamaniiru jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment