Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo barattoota muummeewwan Fayyaa, Seeraa fi Injinariingiin barsiisaa ture yeroo jalqabaatiif har’a eebbisiiseera.
Barattoota muummeewwan Fayyaa, Seeraa fi Injineriingii dabalatee Digrii jalqabaatiin yeroo 3ffaaf barattoota 320 fi Digrii 2ffaan yeroo 2ffaaf barattoota 35, waliigalaan barattoota 355 eebbisiseera.
Sirna eebbichaarratti Preezdantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Lataa Tasfaayee, yuunivarsiitichi teeknooloojii fayyadamuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhaniiru.
Hojii baruu fi barsisuu cinaatti rakkoolee hawaasummaa hawaasaa naannwichaa furuuf damee fayyaan, qonnaan, qorannoo fi qo’annoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Yuunivarsiitichi sagantaalee garagaraatiin barattoota kuma10 ol simatee barsiisaa jiraachuun eerameera.
Bulchaan Godina Qellem Wallagaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa, nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti hayyoonni shoora olaanaa waan qabaniif, eebbifamtoonni imala nageenya mirkaneessuu biyyattiin eegalte keessatti gahee isaanii akka bahaatan dhaamaniiru.
Eebbicharratti maatii barattootaa dabalatee kessuummoonni garagaraa argamaniiru.
Jamiilaa Jamaaltu Gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.