Finfinnee, Sadaasa 22, 2015 (FBC) –Yuunivarsiitii Arsiitti gidduugalli qindeessa Aanaanii fi bu’aalee aanaanii Birrii miiliyoona 160 ijaarame eebbifame.
Giddugalichi deeggarsa ministeera qonnaa Rippablikaa Kooriyaarraa argameen kan ijaarame ta’uun eerameera.
Jiddugalli kun horsiisa saawwaan aannanii, oomisha nyaata beelladaa, qindeessa aannanii fi bu’aa aannanii kan of keessatti kan hammate ta’uu eerameera.
Ministeerri Qonnaa, Mootummaa Rippabilikaa Kooriyaafi Yuunivarsiitiin Arsii waliin jiddugalicha hojii jalqabsiisaniiru.
Giddugalichi hojii qoranoo saawwan aannanii fooyyeesuu fi misooma qabeenya aannanii hojjetamaa jiruuf gumaacha guddaa qabaachuu himameera.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.