Yuuniseef duula talaallii naannoo Tigraayitti gaggeeffamuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 45 taasiise

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraayitti duulli Talaallii Boruu eegalee guyyoota walitti aanaan 10’f kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Fayyaa Bulchiinsa Yeroo naannichaa beeksiise.

Talaalliin kun Talaallii dhibee Kovid -19 fi kaansarii fiixee gadameessaa ta’uu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Rii’iye Isaayyaas dubbataniiru.

Dubartoota umriin isaanii waggaa 14 ol ta’aniif kan laatamu ta’uu eeraniiru.

Daa’immaan umriin isaanii waggaa 2 gadi ta’an talaallii idilee hin eegallee fi eegalanii adda kutaniif kan laatamu ta’uus kaasaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Deeggarsa Daa’immanii talaallicha raawwachiisuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 45 taasiisuu bakka bu’aan dhaabbatichaa Obbi Yaayinishat Gabrayohaannis eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment