USAID Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaaf  konkolaattota 8 deeggarsa taasise

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015(FBC)- Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaaf konkolaattota 8 deeggarsa taasise.

Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuun Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii Aan furtuu konkolaattota kanneenii Ittantuu Komishinara olaanaa komishinichaa Raakeeb Mallasitti laataniiru.

Komishinichi guutuu biyyattiitti hordoffiifi qorannoo mirgoota namoomaa garaagaraa taasisuun hojiisaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ittantuu Komishinara olaanaa komishinichaa Raakeeb Mallas ibsuu TOI gabaaseera.

Mirgoota namoomaarratti kutaalee biyyattii garaagaraatti hojii hubannoo uumuu hojjechaa jiraachuu ibsuun, deeggarsi konkolaataa dhaabbatichi taasise hojiisaa kana kan cimsu ta’uu himuun dhaabbaticha galateeffataniiru.

Deeggarsichi hojiilee komishinichi yeroo ittaanutti hojjetu bal’isuuf carraa ni uuma jedhanii kan amanan ta’uu Tireesii Aan dubbataniiru.

Komishinichi jalqabbii abdii namatti horan agarsiisaa jiraachuu eeruun, jalqabbiin isaa kun daran akka cimuuf deeggarsi taasisan cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment