Yuukreen keessatti balaa Xiyyaaraa qaqqabeen lubbuun namoota 22 darbe

Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (FBC) –Yuukreen keessatti balaa Xiyyaaraa qaqqabeen lubbuun namoota 22 darbe.

Xiyyaarri waraanaa Antoonoovii-26 jedhamu balaan caccabuu kan dhaqqabe Baha Yuukreenitti.

Xiyyaarichi namoota 27 fe’atee kan ture yoo ta’u, lubbuun namoota 22 yoo darbuu namoota 2 irra ammoo miidhaan cimaa ga’eera.

Namoonni 3 ammoo hin argamne, isaan argachuu barbaachi itti fufeera jedhame.

Maddi:-  BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment