Yuugaandaa fi Taanzaaniyaan Doolaara biiliyoona 3.5n sarara daddabarsa gaazii diriirsuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Yuugandaa fi Taanzaaniyaan sarara tuubboo gaazii ititaa kiiloo meetra kuma 1 fi 445 ijaaruuf waliigalan.

Proojaktii Doolaara biiliyoona 3.5 bakkeewwan gaazii Yuugaandaa bakka buufata Taanzaaniyaa buufata Taangaa waliin akka walqunamu beekameera.

Sirna waliigaltichaarrati preezdaantoonni biyyoota lamenii argamaniiru.

Karoorichi Korporeeshinii Gaazii Qarqara Galaanaa Biyyaalessaa Chaayinaa fi mootummaa Taanzaaniyaa waliin ta’uun dhaabbata gaazii beekamaa Faransaay Tootaaliin akka hogganamu ibsameera.

Diriirfamuun sararichaa %80  kan ta’u Taanzaaniyaa keessa kan darbu si’a ta’u, proojaktichi lammiilee Taanzaaniyaa kuma 18 oliif hojii ni bana jedhameera.

Maddi:- Rooytarsi

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment