Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Yunvarsiitiin Haramayaa Qonnaan Bultoota hongeen miidhamaniif sanyii filatamaa kuntaala kuma 3 fi 416 Birrii miiliyoona 17 baasu raabseera.
Sanyii filatamaan kun qonnaan bultoota Harargee Bahaa, Lixaa fi naannoo Hararii hongeen miidhamaniif kan raabsame ta’uu Itti Aanaa Preezidaantii Dhimmoota Qorannoo Yunvarsiitichaa Dooktar Tasfaayee Lammaan himaniiru.
Sanyii filatamaan yunvarsiitichi raabse Qamadii, Xaafii fi Boqqoolloo ta’uu eerameera.
Harargee Bahaatti sababa hongee muudateen Oomishni Waqtii Arfaasaa % 90 fi kan Waqtii Gannaa % 40 barbadaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Geetahuun Nigaatuun ibsaniiru.
Sanyii filatamaan kun qonnaan bultoota kuma 34 oliif gama Waajjira Qonnaan kan raabsamu ta’uu himameera.
Yunvarsiitiin Haramayaa bara kana qofa Birrii miiliyoona 24.5 ol baasii taasiisuun qonnaan bultoota hongeen miidhamaniif sanyii filatamaa raabsuu ibsameera.
Iyyoonaadab Andu’aalemtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.