Yunivarsitiin Haramaayaa barattoota kuma 4fi 174 sagantaa garagaraatiin barsiisaa ture eebbise

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2013 (FBC) – Yunivarsitiin Haramaayaa barattoota kuma 4fi 174 sagantaa garagaraatiin barsiisaa ture eebbise.
Yuunivarsitiin Haramaayaa barattoota bara 2012 eebbifamuu qaban kan har’a eebbise kuma 4fi 174 keessaa barattoonni 1325 barattoota shamarraniidha.
Pireezdaantiin Yuunivarsitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yuusuf, Yuunivarsitiin Haramaayaa hojii baruu fi barsiisuu cinatti hojiilee qoronnoo garagaraa gaggeessaa jiraachuu himan.
Eebbifamtoonni hojii irratti hirmaataniin, imala badhaadhinaa biyyatti jalqabde milkeessuuf gahee isaanii bahuu akka qabani dhaamaniiru.
Deettaan Ministira Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’el Kiflee, eebbifamtoonni muuxannoo barsiisoota, maatii fi hawaasa naannawaa irraa argatan hojiin agarsiisuun, yeroo gara hojiitti seenan waa hunda dura hawaasa isaanii tajaajiluuf dursa kennuu akka qaban dhaamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment