Yunivarsitiin Finfinnee Pirojektootaa Gamtaa Awurooppaan deeggaraman 9 injifate

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)- Yuunivarsitiin Finfinnee pirojektootaa qorannoo fi giddugala beekumsaa Gamtaa Awurooppaan deeggaraman 9 injifateera.

Bara faranjootaa baatii Sadaasaa 2022 Afrikaa Kibbatti marii pireezidantota yuunivarsiitii gaggeeffamerratti
Giddugaloota Beekumsaa Gamtaa Awurooppaan deeggaraman hundeessuuf waliigalteerraa ga’amuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan guyyoota lamaan darbaan marii Beeljiyamitti gaggeeffameen giddugaloonni beekumsaa 17 hundeeffamaniiru.

Pirojektoota giddugalootaa kanneen keessaa 9 Yuunivarsiitiin Finfinnee injifachuun eerameera.

Yuunivarsitichi pirojektoota kanneen injifachuun deeggarsa Yuuroo miiliyoona hedduu akka argamsiisuu ragaan yuunivarsiticharraa argame ni mul’isa.

Pireeidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Pirofeesar Xaasawu Waldahaannaa sirna waliigalte irratti yuunivarsiitichaafis ta’ee biyyattiif faayidaa olaanaa akka qabu himaniiru.

Dabalataanis bu’aa kanaaf gumaacha kan taasisan qorattoota yuunivarsiitichaa fi Beeljiyamitti Embaasii Ityoophiyaa galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment