“Yooyyoo Gifaataan kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 12, 2017(FBC)-Jijjiirraan baraa Saba Walaayittaa “Yooyyoo Gifaataan” Magaalaa Walaayittaa Sooddootti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

“Yooyyoo Gifaataan” Saba Walaayittaa biratti barri moofaan darbee bara haaraa simachuuf ayyaanaa ce’umsaa jalqabaati.

Gifaataan sabootaa Walaayittaa biratti bakka olaanaa kan qabuudha.

Ayyaanichi garaagarummaa tokko malee waloon kan kabajamu yoo ta’u ayyaana gammachuu, duudhaa aadaa fi seenaa isaa eeggatee tokkummaa biyyaa cimsuu keessatti gumacha olaanaa qabu ta’uun akkeekameera.

Sirna kabaja ayyaanichaarratti qondaaltota mootummaa jiraattota naannwichaa, jaarsolii biyyaa aartistootaa fi namoonni bebbeekamoo biroon argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment