Yeroon turtii aangoo mootummaa Sudaan Kibbaa waggoota 2’f dheereffame

Finfinnee, Hagayya 26, 2014(FBC)-  Yeroon turtii aangoo mootummaa Sudaan Kibbaa waggoottan ittaanan 2’f akka dheeratuuf murtaa’uu Komishiniin Hordoffiifi To’annoo Haaromsa Waloo biyyattii beeksise.

Murtichi kan darbe miseensota komishinichaa %75 ta’aniin ta’uu ibsameera.

Bu’uura murtoo komishinichaan yeroon turtii aangoo muutummaa biyyattii filannoon osoo hin gaggeeffamiin dura dhimmoota furmaata barbaadaniif fala kennuuf bara faranjoota Guraandhala 2023- Guraandhala 2025tti dheerachuu eerameera.

Komishinicha yeroo turtii aangoo mootummaa biyyattii waggoota lamaaf kan dheeresse qajeeltoo walitti bu’iinsa furuu fooyya’e bu’uureffachuun ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment