Yeroon sirnaan ummata keenya tajaajillu amma-Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Yeroon sirnaan ummata keenya tajaajilluu fi boqonnaa ce’umsaarraa ga’amuu Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsan.

Obbo Arggaa Kabbadaan jijjiirraa bara haaraa 2017 ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, nagaa ummataa mirkaneessuun, bara darbee qormaata hedduu fi jijijjiiramaa quunnamee kutaannoo hoggansaan ciminaa fi obsan dabarreerra jedhan.

Yeroon ammaas yeroo ummataaf sirriitti hojjennuu fi boqonnaa ce’umsaarraa yeroo geenyeedha jedhaniiru.

Barri haaraan, kan hundinuu tokkummaa fi gamtaan dhaabbachuun dhaloota dhufuuf waan gaarii hojjetu, idaarra gara horattaatti ce’u, bara milkaa’inaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment