Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen hawaasa Ityoophiyaa Angoolaa jiraatan waliin dhimmoota haala waqtaawaarratti marii taasiisaniiru.
Yeroon kun yeroo tokkummaa fi tumsaan hojjechuun ummata Ityoophiyaa daraan itti barbaachisu ta’uu Preezdaant Saahilawarq ibsaniiru.
Preezdaant Saahilawarq lammiileen Ityoophiyaa tokkummaa isaanii akka cimsan gaafataniiru.
Hawaasni Ityoophiyaa Angoolaa jiraatan wayita weerara Covid -19 fi Ijaarsa Hidha Haaromsaaf deeggarsa barbaachisu taasisaa turuu ibsaniiru.
Ityoophiyaanoonni Angoolaa jiraatan filannoowwan Diyaaspooraaf bane kanneen akka ‘Ayizoon Ityoophiyaa’ fayyadamuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon eeruu EBCn gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.