Yeroon kan uumaan hundaaf kenne qabeenya guddaadha – Obbo Awwal Aarbaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Ummanni Itiyoophiyaa hundi baga bara haaraa 2017 nagaan geessan jedhaniiru.

Yeroon kan uumaan hundaaf kenne qabeenya guddaadha jedhan.

Yeroon jireenyaa, umriin keenya bu’aa ida’ama yerooti jechuun ibsaniiru.

Bara haaraa 2017 keessa injifannoo caaluuf haa hojjennu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Barri haaraan bara nageenyaa, badhaadhinaa, waliif yaaduu, gamtaa fi fayyaa ummata Itiyoophiyaa maraaf akka ta’u hawwaniiru.

Bara haaraatti Afuuraa fi hamilee haaraan ol ka’iinsa Itiyoophiyaa fi Badhaadhina isheef ashaaraa keenya haa keenyu jedhuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment