Yeroon Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa hariiroo isaanii itti cimsan amma- Dooktar Jaams Iigaa

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC)- Yeroon Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa hariiroo isaanii itti cimsan amma ta’uu Ittaanaan Preezdaantii Sudaan Kibbaa fi Ittaanaan dura taa’aa paartii biyya bulchuu Dooktar Jaams Iigaa ibsaniiru.

Ityoophiyaan michuu Sudaan Kibbaa ta’uu fi wayita rakkoon siyaasaa biyyattii  mudatee turetti Ityoophiyaan gargaaruunii yaadachiisaniiru.

Hariiroon Sudaan Kibbaa fi Ityoophiyaa cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Barreessaa Olaanaa Paartii Piippils Raalii Foor Proogrees Jibuutii/PRP fi Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Diinagdee biyyattii Iliyaas Muusaa Daawaalee gamasaaniin akka biyyoota oobbolaatti waliin guddachuuf hariiroo keenya daran cimsuun waliin hojjechuu qaban jedhaniiru.

Ityoophiyaa fi Jibuutiin biyyoota hariiroo cimaa baroottanii kan qaban ta’uu  fi  biyyoota uummattoota aadaa walfakkaataa qooddatan waan ta’aniif waliin guddachuuf firooma isaanii cimsanii  itti fufuu akka qaban dubbataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment