Yeroon galmee deemsa Haajii fi Umraa 1446ffaa dheereffame

Yeroon galmee deemsa Haajii fi Umraa 1446ffaa dheereffame

 

Fimfinnee, Bitootessa 3, 2017(FMC) – Yeroon galmee deemsa Haajii fi Umraa 1446ffaa hanga Bitootessa 20/2017tti dheereffamuu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Isilaamummaa Itiyoophiyaa beeksise.

Adeemsi galmee dheerate kunis kaleessa irraa eegalee hanga Bitootessa 20,2017tti akka raawwatamu ibsameera.

Yeroon duraan galmeef kenname ga’aa akka hintaane uummata Musliima irraa gaaffiin waan dhiyaateef kan dheereffame ta’uunis ibsameera.

Yeroon dheerate kun Hujaajota fedhii qaban keessummeessuuf yaadamee ta’uu kan eere Manni Marichaa, hawaasni Musliimaa yeroo kaa’ameef keessatti akka galmaa’us dhaamameera.

Mikiyaas Alamuutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment