Yeroon ammaa yeroo wareegamaan biyya gaggeessaniidha – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) -Yeroon ammaa yeroo wareegamaan biyya gaggeessaniidha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

“Yeroon ammaa yeroo biyya wareegamaan gaggeessaanii dha. Amma booda ani adda waraanaatti argamee, Raayyaa Ittisa Biyyaa hogganuuf har’arraa eegalee gara dirree waraanaatti nin duula.

Ilmaan Ityoophiyaa seenaan yaadatu keessaa tokko ta’uu kan barbaaddan hundi biyya keessaniif jedhaatii hardhuma ka’aa, adda waranaatti wal haa arginu.”- jechuun dhaamaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment