Yeroo kanatti wanti dursa laannuuf dhimma biyyaarratti waliin dhaabachuudha- Paartii SDBUG

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Dhimmoota keessoo biyyaarratti dhimmoonni nuti irratti walii hin galle jiraatus yeroo kanatti wanti dursa laannuuf dhimma biyyaarratti waliin dhaabachuudha jechuun paartiin Sosochii Dimookiraatawaa Bilisummaa Uummata Gambeellaa ibse.

Paartichi kanaan dura gocha saamichaa gareen shororkeessaa ABUT naannichatti raawwatu mormuun gara qabsoo hidhannootti seenee turuu yaadachiiseera.

Yakki gareen kun kanaan dura raawwate itti xiqqaatee yeroo ammaa Uummata Ityoophiyaarratti waraanaa banuu isaa paartichi hadheeffatee kan irratti qabsaa’u ta’uu ibseera.

Filannoo fi dhimmoota biroon walqabatee wantoonni paartichi irratti walii hin galle jiraatanis kan dursu biyyaa badiirraa baraaruuf hundi waliin dhaabbachuu akka qabu ibseera.

Paartichi waamicha  biyya baraaruu fudhachuunii fi biyya badiirraa baraaruuf  mootummaa cina kan dhaabbatu ta’uu ibseera.

Paartichi hanga bara 2010tti naannicha keessaa fi biyyoota olla keessa socho’uun qabsoo hidhannoo gaggeessaa turuu fi jijjiiramaan booda gara biyyaatti deebi’uu ibsameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment