Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC)- Yeroo kamiyyuu caalaa gamtaan keenya amma murteessaadha jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
Preezdaant Saahilawarq guyyaa Afrikaa ilaalchisuun ergaa gama Tiwiitaraan dabarsaniin, sirna jeeqamaa idil addunyaarraan kan ka’e Afrikaatti rakkoolee walxaxoon fuulleffachuu ibsaniiru.
Dhaabbileenii fi hojimaatileen isaanii hedduu qoramuu ibsuun, yeroo kamiyyuu caalaa gamtaan keenya murteessaadha jedhaniiru.
Ijoolleen Afrikaa kaayyoo waloo kanaaf ga’umsa horachuutu nurraa eegama jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.